Piroojeektoonni humna ibsaa Doolaaraa Miliyoona 62 oliin hojjataman eebbifaman

OBN Ful. 21, 2013- Hoiin rakkoo waliin gahiinsa humna ibsaa jiru furuuf  hojjetameen buufataalee humna ibsaa Bishooftuu, Duukam, Mojoo fi Gincitti baasii mootummaa naannoo Oromiyaatiin doolaara Ameerikaa miiliyoona 62 oliin ijaaramaa ture eebbifame.

Piroojektoota kanneenis Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obboo Shimallis Abdiisaatu eebbise.

Eebba kanarratti Pireezidaanti Shimallis dabalatee aanga’oonni mootummaa biro argamaniiru.

Buufati ibsaa kunis rakkoo humna ifaa naannoo kanatti mul’achaa turee fi humna ifaa induustiriiwwan naannoo kana jiran kan furu ta’uu himameera.Taaddalaa Asfaawutu gabaase

Facebook Comments