Irreecha Hora Finfinneef deeggarsa barbaachisu hunda ni taasisna- Injiinar Taakkalaa

OBN Ful. 04,2012-Irreechi Hora Finfinnee sirna ho’aan ni kabajama jedhan KantibaaItti Aanaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa.

Injiinar Taakkalaan Irreecha Fulbaana 24, 2012 kabajamu ilaalchisuun Abbooti Gadaa, Qeerroowwaan fi Foollee waliin mari’ataniiru.

Ayyaanichi sirna ho’aa fi bareeda ta’e akka kabajamuuf qaamni hunduu gahe isaa bahuu akka qabu abbootiin Gadaa waamicha dhiyeessaniiru.

Injiinar Taakkalaan bulchiinsi magaalicha ayyaanii Irreechaa yeroo kam caalaa sirna ho’aan akka kabajamu deeggarsa barbaachisu hunda ni taasisa jedhaniiru.

Ayyaanni Irreechaa Fulbaana 24 qophii addaddaan kan kabajamu ta’a.Lensaa Baqqalaatu gabaase.

 

Facebook Comments