Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmad hordoftoota amantaa Kiristanaan baga ayyaana qillee geessan jedhan.

OBN Muddee 27, 2012 – Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmad hordoftoota amantaa Kiristanaan baga ayyaana qillee geessan jedhan.

Ayyaanni qillee guyyaa addaan bahuun itti bade, wal – qoodinsi kan itti dhabamsifame, ayyaana tokkummaati jedhaniru ergaa isaaniin..

Ayyaanni kun namaa fi waaqni,lafaa fi samiin, lubbuu fi foon, namaa fi ergamaan,kan tokko itti ta’anidha jedhaniru.

Ayyaana kana kan kabajnus wal – qoqqoodinsaa fi addaan bahiinsa balleessuun ta’uu qaba jedhan Dr. Abiyyi Ahimad ergaa baga geessan yemmuu dabarsan. Fuula Feesbuukii Dr. Abiyyi Ahimad irraa odeeffannee.

Facebook Comments