Daawwannaa Dr.Abiyyi

Ministiirri muummee Itoophiyaa Dr. Abiyi Ahimad torbee dhufu daawwanna hojii guyyota sadiif  Kooriyaa Kibbaatti imalu.

Dr. Abiyyi garas kan imalan pirezedaantii biyyittii Moon Jooyee waliin walitti dhufeenya biyyoota lameenii irratti ni mari’atu jedhee eegama.

Akka odeeffannoo waajjira pirezedaantichaa irraa guyyaa har’aa bahetti Imalli Dr. Abiyyi Dilbata dhufu akka ta’e himameera.

Daawwannaan isaanii kun herga waggoota 8 darbanii as anga’oon olaanoo Itiyoophiyaa Saawol daawwachuun kan jalqabaati jedhameera.

Aanga’oonni lameen marii Wiixata taasisaniin walgargaarsa gama daldalaa,investimeentii Saayinsiifi teekinooloojii,Bosonaafii jijjiirama qilleensaa irratti mari’atu.

Bara 1950-1953tti lola birmadummaa ishiif Kooriyaan Kibbaa gooteef Itiyoophiyaan loltoota kuma 3fi 518 gamasitti erguun ni yadatama jechuun miidiyaam biyyittii  ‘’ Tajaajilli oduu Yoonaap’’jedhamu gabaaseera..

Facebook Comments