Dr Dabratsiyoon Ityoophiyaanotaa Fi Dhalattoota Ityoophiyaa Maraan Baga Bara Haaraa Geessan Jedhan

Dooktar Dabratsiyoon G/mikaa’eel Ityoophiyaanotaa fi dhalattoota Ityoophiyaa maraan baga bara haaraa geessan jedhan

Dr Dabratsiyoon Ityoophiyaanotaa Fi Dhalattoota Ityoophiyaa Maraan Baga Bara Haaraa Geessan Jedhan

Itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Tigraay Dooktar Dabratsiyoon G/mikaa’eel Ityoophiyaanotaa fi dhalattoota Ityoophiyaa maraan baga bara haaraa geessan jedhan.

Bara 2011tti hariiroo ummattummaa cimsuu dabalatee hojiilee hedduun hojjetamaniiru jedhan itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Tigraay Dooktar Dabratsiyoon G/mikaa’eel.

Ummata Ityoophiyaa maraan baga bara haaraa 2012n ittiin isin ga’e jedhanii, bara 2011tti biyyattiin waan gaggaarii fi gufuuwwan hedduun ishee mudachuu kaasaniiru.

Ummanni Ityoophiyaa fi Eertiraa waggoota 20f addaaan fagaatee ture, akka haaraatti hariiroo uumuun barri 2011 goolabameeras jedhan.

Bara 2012tti gaaffilee ummataa sirnaan deebisuuf qophiin taasifamuu ibsaniiru itti aanaan preezdaantichaa.

Hojiileen misoomaa fi fayyadamtummaa ummataa xiyyeeffannaan kan hojjrtaman ta’as jedhan.

Bara haaraatti rakkoolee bara darbe nu mudatan keessaa baanee waltumsaan biyya ijaaruuf dhaabbachuu qabna jedhan.

Dooktar Dabratsiyoon Ityoophiyaanota maraan baga bara haaaraa geessan jedhaniiru.

Bara 2012tti hojiilee misoomaa fi fayyadamtummaa ummataarratti xiyyeeffachuudhan, nagaa biyyaa fi olaantummaa seeraa kabachiisuuf ni hojjenna jechuu isaanii Tajaajila Oduu Itophiyaatu gabaase.

Facebook Comments