Naannoo Tigiraayitti hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu cimee itti fufuu qaba jedhame.

Naannoo Tigiraayitti hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu cimee itti fufuu qaba jedhame.

 

 

 

OBN Sad.11,2013-Naannoo Tigiraayitti Mootummaan olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hojii isaa cimsee itti fufuu qaba jedhan,Kooriyaa Kibbaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Shifarraa Shugguxee.

Ambaasaaddar Shifarraan OBN’f addatti yaada kennaniin, barbaannee  osoo hin taane olaantummaa seeraa kabachiisuuf dirqamne kan itti galle waan ta’eef  hojiin olaantummaa mirkaneessuuf hojjetamu cimee itti fufuu qaba jedhan.

Haleellaan Raayyaa ittisa biyyaarratti raawwatames biyya ganuudha jedhan.

Uummanni Itiyoophiyaas mootummaa fi Raayyaa ittisa biyyaa cina dhaabbachuu akka qabu dhaaman. Akaaluu Baqqalaatu gabaase.

Facebook Comments