Itoophiyaan har’a alkan sa’aatii jahaa kaasee imaltoota gara biyyaa galan iddoo qofaatti turan galchiti

Itoophiyaan tatamsa’ina koroonaa vaayirasii to’achuuf har’a alkan sa’aatii jahaa kaasee imaltoota gara biyyaa galan iddoo qofaatti turan akka galchitu beeksiftee jirti.

Itoophiyaa haaluma qaama ittisa koronaavaayirasiitiin wal qabateen alkan har’aa irraa kaasee imaltoota gara biyyaa gala hunda guyyoota 14’f lafa qofaa itti turan akka geessitu beeksifte.

Haaluma murtee mootummaan biyyatti Jimaata galgala ifa taasiseetti, imaltoonni gara biyyattii galan kamiyyuu guyyoota 14’f qofaatti fo’amuun akka turan taasifamu.

Haaluma kanaanis namoonni har’arraa kaasee gara Itoophiyaa galan hundinuu hoteelota tajaajila kanaaf qophaa’ee keessatti akka turan Ministirri Fayyaa biyyatti kaleessa beeksiiseera.

Haaluma kanaanis alkan Dilbataatii kaasee imaltoonni hunduu hoteela Iskaayi Laayitiifi Giiyoon keessa guyyoota 14’f baasii isaaniin akka tursifaman himame jechuun BBcn Ministeera Fayyaa Itiyoophiyaa waabeffatee gabaaseera.

Facebook Comments