Waggaatti faalama qilleensaan namoonni miliiyoona 7 du’aa jiru

Addunyaarraa sa’aa tokko keessatti namoonni 800, daqiiqaa tokkoo keessatti namoonni 13 qilleensa faalamaa hargananiin du'aa jiru.

OBN Caamsaa 29, 2011 –Faalama qilleensaan namoonni miliiyoona 7 lubbuu isaanii dhabaa jiru.

Akka ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa agarsiisutti waggaa tokko keessaatti namoonni miliiyoona 7 ta’an sababa faalama qileensaan lubbuu isaanii dhabaa jiru.

Dhibee sababa faalama qilleensaan dhufuun addunyaarraa sa’aa tokko keessatti namoonni 800, daqiiqaa tokkoo keessatti namoonni 13 qilleensa hargananiin lubbuu isaanii dhabaa jiraachuu CGTN Afrikaatu gabaase.

Facebook Comments