Biqiltoonni iddoo dhaabbamanitti geeffamaa jiru

Buufata biqiltuu naannicha keessatti argamaan kuma 3 fi 92 keessatti biqiltoonni qophaa'an gara iddoo dhaabbii biqiltuuf qophaa'etti geeffamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

OBN Ado. 19, 2011 – Naannoo Oromiyaatti Biqiltoonni iddoo dhaabbamanitti geeffamaa jiru

Image may contain: tree, plant, grass, outdoor and nature

Gorsaan hogganaa Biiroo Qonnaa Obbo Zaayadaa Tashoomaa Adoolessa 22, bara 2011 Ashaaraa Magariisummaa akka biyyaatti gaggeeffamuurratti Godinaalee 20, aanaalee 267 fi magaaloota 30 ti biqiltoonni dhaabbiif qophaa’an geeffamaa jiraachu himan.

Guyyaa kana ganama sa’aatii 12:00 irraa eegaluun hawaasni naannichaa dhaabbii biqiltuurratti akka hirmaatan himaniiru.

Naannoo Oromiyaatti Biqiltuu miiliyoonaa 250 dhaabuuf qophiin tumurameera jedha odeeffannoon Tajaajila Oduu Itiyoophiyaarra arganne.

Facebook Comments