Hireen dhaloota heegaree Qooda lammummaa hardha bahannuun milkaawa!

OBN Hagayya 10, 2011 – Haala yeroo ilaalchisee barreeffama ejjennoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa Balballoomsu kan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin Qophaa’e.

Ummanni Oromoo Oromiyaa hardha biiftuun milkii heegaree, utubaa biyyaa tahuu jechaan gamatti gochaan irraa mullatu ijaaruuf fagoo imale, wareegama qaqqaalii kafale, kichuu kitimaa godhee roorroo fi raroo dabaarra tarkaanfatee as gahe.
Imalli isaa bakka hardha gaheef qofaaf otoo hin tahin aadaa fi duudhaa boonsaa ganamaa qabuun biyya ijaaree dhaloota heegareef ayaa kaayuufi.
Qabsoon bara dheeraa wareegama qaqqaalii kafalchiise gama tokkoon Oromiyaa fi biyya gidirsitootaa fi saamtoota harkaa baasuun, bilisummaa fi wal qixxummaa dhugoomsuuf, gama biraan ammo sabboonummaa Oromummaa duudhaa ganamaatiin biyya walqixxummaa fi dimokiraasiin itti mirkanaawe ijaaruudhaafi.
Adeemsi kun xiiqii nan danda’a jedhuun, wal hubannaa fi miira tokkummaatiin injifannoo wareegamaan argame kunuunfachaa Oromiyaa waa hundaan misoomtee fi badhaate ijaaruun mullachaa jira.
Galmi sabboonummaa Oromummaa nageenya, misooma, biyya wal qixxummaa fi guddinni itti mirkanaawe dhugoomsuudha, Sabboonummaan Oromummaa madda qaroomina biyyaa fi sabaa fi sablammootaati.
Oromoon roorroof harka hin kennu jechuun qabsaawee qabsoofsisee, waan hin danda’amu jedhamu akka danda’amu garsiisee, dursee abdii biyyaa tahee kumaatama dukkana keessaa baase. Gootummaan kun ammo hardha Oromiyaa badhaate ijaaruu fi biyya utubee ardiillee boqoachiisuuf oolaa jira.
Boqonnaan qabsoo amma irra geenye boqonnaa gaara dukkanaa tokko diignee gaara dukkanaa isa biraa ammo Duudhaa Oromuummaa ganamaatti deebi’uun Halkanii guyyaa dafqanii waa hundaan dorgomaa tahuun, Qulqullummaa fi Tumsaan burkuteessuuf itti xiiqeeffannee sochoonuudha, Diinni inni guddaan boqonnaa qabsoo ammaa ammo hiyyummaadha.
Hiyyummaan hamma qabsoo hadhaawaa waggaa dhibba tokkoo oliif kichuu kitimaa kutee sanii gatii nu hin kafalciisu, yoo ofirra bulchine garuu miidhaan isaa roorroo dabartee gadi hin taatu, hiyyummaa injifachuuf wareegama lubbuu otoo hin tahin bakka irraa dhufne ,bakka amma irra geenyee fi bakka boru gahuuf mallu qofa hubachuun qooda lammummaa bahachuu qofa nu gaafata.
Kanaaf ammo Oromiyaa keessatti haalli mijjataan uumamee hojitti galamee jira, Labsiin Tajaajila Lammummaa Lammiin hunduu qooda itti fudhatee Dhaloota aadaa fi duudhaa isaa sirnaan beekee, Isaaniis hoogganamee itti gaafatamummaa lammummaa isaa bahatu uumuu fi Oromiyaa waan hundaan misoomtee fi badhaate ijaaruun harka keenyaan hiyyummaa ofirraa cabsuuf kaayyeffate Caffeen ragga’ee hojitti galamee jira.
Labsiin Tajaajila Lammummaa ergii ragga’ee hojitti galamee as naannoo Oromiyaa keessatti hojiin boonsaan hoojjetamaa jira.
Ummata keenya waamicha sabaa jalaa awwaatee, hiyyummaa fi gadadoo hadheeffatee duudhaa Oromummaa isaa ganamaan raajii hoojjechaa jiruuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa kabajaa fi ulfina guddaa qabaaf, irra daddeebi’ees galatoomaa,ulfaadhaa jechuunii barbaada.
Qajeeltoo Tajaajila Lammummaa duudhaa Oromummaa ganamaatti deebi’uun Jaalala, kabaja, wajji jireenya, haqummaa akkasumas hannaa fi waliin dhawuu balaaleeffachuu tahe Oromiyaa keessatti nageenyaa fi tasgabbiin uumamee, rakkoowwan mudatan kamiyyuu duudhaa sirna gadaan, mariif marabbaan wal dhaggeeffachaa furaa deemuu fi Oromiyaa lafa Qabbanaa fi nageenyaa gochuun mullachaa jira.
Duudhaan sirna gadaa keenya kabajaa fi kunuunsi uumamaaf qabnu guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 211.9 dhaabuun halkanii guyyaa walii tumsaa hoojjechuun waan hundaan durgomaa tahuullee kan nutti argisiise, injifachuu malee injifatamuun akka nuuf hin mallellee kan nuu mirkaneessaa jiruudha.
Oromummaan wal gargaaruu, jaalala, rakkoo waliif walii irkoo tahuu qulqullummaa gonfateen hojii Oromiyaa keessatti hoojjetamaa jiru hireen dhaloota heegaree Qooda lammummaa hardha bahannuun akka milkaawu arjoomni dhiigaa guyyaa tokkotti godina tokko qofatti fakkeenya tahu raawwatame raga baha.
Dhiigni kaleessa bilisummaa sabaaf dhangala’e ardha lubbuu baraaruuf arjoomame, gocha eebbifamaa akkanaaf lammiin hunduu kabajaaf ulfina qaba, Haadha dhiiraa dhiiga dhabdee da’uumsaan du’aa turteetu itti baraarama waan taheef.

Duudhaan sirna gadaa akka itti dhaloonni itti ijaaramu, xiqqaan guddaa kabajee guddaan xiqqaa barsiisee humna walii tahuun aadaa hojii masluufummaa balaaleeffatee harka qalleeyyii gargaaraa walii tumsuu, biyyaaf tumsuu, dhaloota ol aadeemaa barsiisaa deemuun hojii boonsaatu hoojjetamaa jira.
godinaalee Oromiyaa keessatti mana namoota harka qalleeyyii haarayoomsuun, Abbootii fi Haadhoolii keenya kaleessa nuuf jecha gadi jadhanii bara darbanii hardha akka ol jannee Oromummaa leellifnu nu godhan godoo irratti diigamte ol qabuufii caalaa aantummaan lammummaa hin hiru.
Meenshaalee baruumsaa arjoomuun, haqa ofii haqaan falmaa galii walitti qabuu fi madda galii ballifachuun, waa’ee fayyaa hawaasaa wal barsiisuun qajeeltoon walii tumsuu qabatamaan hojitti hiikkamaa jiraachuu mullisa.

“Ofii keenya jibbarraa naannoo keenya kosirraa qulqulleessina” dhaadannoo jedhuuniis duulli qulqullinaa marsaa sadihiif naannoo keenyatti gaggeeffame magaaloota jireenyaaf mijjatoo tahan uumuu keessatti qoonni lammiin bahachaa jiru hojii waan kamiinuu bakka bu’uu hin dandeenyeedha, kun sagantaa marsaa 4ffaa Dilbata dhufuutiiniis akka dabalamu abdii guddaa saba keenyarraa qabna.

Hojiin Tajaajila Lammummaa kun hojii guyyaa tokkoo yookiin hojii ganna tokkoo fi yeroo boqonnaa qofa raawwatamuu miti, hojii sirneeffamee bara baraan itti fufuudha.
Hawaasni hin gurmoofne, hin baranne, hiyyummaan sakaallaa itti taatu hin moohatu, Tajaajilli lammummaa injifannoo wareegama qaaliin gonfanne tiikfachaa injifannoo caalutti cehuuf hawaasaa fi dhaloota injifataa uumuuf nu gargaara, humna nuuf taha, kanaaf hawaasa ijaaruun, duudhaa Oromummaa ganamaa barsiisuun, halkanii guyyaa hoojjechuun, waan hundumaan dorgomaa tahuun, waan hundumaaf qulqullummaa qabaachuu fi Tumsi qooda lammii hundaa tahuu qaba.

Ummanni keenya akkuma amma jalqabe Nageenya isaa eegsisuurratti, misoomaa fi dimokiraasii ijaaruurratti ijaaramee sochoowuu qaba.

Injifannoo hardha gonfanne nu saamuuf yookiin danquuf shirri adda addaa xaxamuu danda’a garuu abbuma shira xaxu nyaataee awwaalarraan kan hafe wanti imala keenyarraa sakandii tokkoofu of booda nu deebisu hin jiraatu, akka itti fashaleessinuus beekna, ni fashaleessinaas.

Kanaafuu hawaasni keenya, qeerroowwanii fi qareewwan keenya, hayyoonni keenya hardha tajaajilli lammummaa Dhaloota biyya isaaf taatu ijaarratu, duudhaa waliin jireenyaa dhaalee dagaagfatu , qooda lammummaa beekkomsaan, humnaa fi qabeenyaan akka bahatu haala mijjeessuun gamatti heegaree dhalootaa ijaaruuf murteessaadha.
Oromiyaa misoomtee fi baadhaate biyya utubdu ijaaruuf carraa uuma waan taheef tumsa eegalle cimsinee yaa itti fufnu.

Diinagdeen naannoo keenyaa akka guddatu galii walitti qabuun, al seerummaa fi haxxummaa saaxiluu fi balaaleeffachuun, kan humna dhabeef humna, kan irkoo barbaaduuf irkoo taanee qooda lammummaa yaa bahannuu.

Tajaajilli lammummaa duudhaalee sabboonummaati dagaagsa, waltajjii dhaloota seenaa beekee, seenaa boonsaa hoojjetuuti.

Bilisummaa yaadaa gonfachiisee duudhaa mirga namoomaa kan ofiis kan biraas kabajaa haqaan hoojjechuuti akeeka.

Tajaajilli lammummaa Dhaloota barsiisa, miira dorgommii uuma, aadaa hojii fooyyeessee addunyaa dorgommii keessatti moo’ataa nu taasisa.

Hundee duudhaa Oromummaa sirna gadaa keenyaan humna, beekkomsa, ogummaa fi Qabeenya qabnu diinagdetti jijjiirree, haqaaf haqaan naannoo keenya bilisaan tajaajillee waan boruuf tahu hardha hoojjenna, jaalala naannoo fi biyya keenyaaf qabnu hojiin mullisuu yaa itti fufnuu.
Oromiyaa badhaate dhalootatti dabarsuuf yaa tumsinuu, nu waliif humna, waliif beekkomsa, waliif gamtoomina, heegareen keenya ifa.

Tokko taanee Oromiyaa ijaarra, Biyya utubna, Afrikaa boqochiifna!

Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Hagayya 10 Bara 2011
Finfinnee

Facebook Comments