Abootiin Gadaa Tuulamaa Hora Harsaditti araaraa buusaniru

OBN Ful. 06,2012- Pireezdaanti Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaaa Obbo Shimallis Abdiisaa Giddugala Tokkummaa Abbootii Gadaa Oromoo, Bishooftuu jiru.

Abbootiin Gadaa Tuulamaa wal dhabdee isaan gidduutti uummamee ture akkaataa duudhaa Oromummaa ganamaatin Irreecha dura bakka Pireezdaanti Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaaa Obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti Hora Harsadiitti furaniiru.

  

Akka Seera Oromoo ganamaa, akka Seera Gadaatti Oromoon wal dhabdee qabu osoo hin araaramin yookan walii hin dhiisin haaloo garaatti qabatani hora tokkorra waliin hin dhaabbatu.

Kanaaf akkuma seerri Gadaa ganama jedhutti Abbootiin Gadaa wal dhabdee isaan gidduu ture hiikanii garaa qulquluudhaan dhiifamaaf araaraan waliin irreeffachuudhaaf guyyaa har’aa Bishooftuu Hora Harsadii irratti araara labsanii jiru Alsan Asaffaatu gabaase.

Facebook Comments