Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin qabamanii 105 gahe- Dr. Liyaa Taddasaa

OBN Ebla 10, 2012 – Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin qabamanii 105 gahuu Ministirri Fayaa Dr. Liyaa Taddasaa himaniru.

Sa’aa 24 keessatti qorannaa laabraatoorii namoota 659f taasifameen, namoonni 9 vaayrasichaan qabamuun isaanii mirkanaa’era jedhan.

Namoota salgan vaayrasichaan qabaman keessaa namoonni 8 lammiilee Itiyoophiyaa, tokko ammoo lammummaa Ikwaatooriyaal Giinii kan qabu jedhaniiru.

Namoonni 6 seenaa imala biyya alaa kan qaban yoo ta’u, 3 ammoo namoota vaayrasichaan qabaman waliin tuttuqii kan qabanidha jedhan Dr. Liyaan.

Arfan isaanii jiraattota magaalaa Finfinnee, 3 Jibuutidhaa dhufanii Dirree Dhawaatti tursa keessa kan turanii fi tokko ammoo jiraataa magaalaa Jimmaati jedhnairu.

Facebook Comments