Biqiltoonni kumni 15 dhaabbame

Hoggantonni fi hojjettoonni Ministeera Galiiwwanii fi Koomishinii Gumuruuka gaara Dabaaliirratti biqiltoota kuma 15 dhaaban.

GOBN Ado. 28, 2011 -Ganama har’aa sa’aa 2:00 irraa eegaluun Aanaa Sabataa Awaas gaara Dabaliirratti biqiltoota kuma 15 dhaabun isaan torbee darbe dhaabaniif hordoffii taasisaniiru.

Image may contain: 1 person, child and outdoor

Ministeerri Galiiwwaanii bara kana biqiltuu kuma 200 dhaabuuf karoorfatee hojjechaa kan jiru yoo ta’u, torbee darbe gaara Dabaliirratti biqiltuu kuma 100 guyyaa tokkotti dhaabu agarsiisa odeeffannoon Ministeera Galiiwwaniirraa arganne.

Facebook Comments