Maalummaa Irrechaa

Irreechi Oromoof Maalii?

OBN Fulbaana 10,2012- Maalummaa Irrechaa

Irreechi Oromoof Maalii?

Kutaa 2ffaa

Guyyaa ayyaana Irreechaa ulfaan warra angafaa hunduu ba’ee bakka irreechaatti argamu. Ummannis gara irreechaatti yoo deemu ulfaa warra itti bulanii tumsuu yoo ta’u, gara galmaatti yoo deebi’us akkasuma Ulfaan ummataan tumsameeti.

Kabajni ayyaana Irreechaa ganama obboroo waan ta’eef jalabultiisaa galgala Ulfaan warra angafaa ni muudama.

Sirna muudaa jalabultii kana irratti gosti Ulfaa sanitti bulan hunduu ni argamu. Qophiin jala-bultii galma ulfaa warra angafaatti godhamu kun buna qalaafi korma qaluu dabalatee sirna waaqeffachuu adda addaatu raawwatama. Sirnoota taasifaman kanneen keessaa Callee, Caaccuufi Ulfaa ykn Bokkuu muuduudha.

Haaluma kanaan qophiin jalabultii xumuramee ganama obboroo warri angafa  ulfaa baatanii uummataan tumsamanii gara iddoo irrechaatti faaruu adda addaa jechaa deemu. Faaruun yeroo irreecha deeman faarfatan irra caalaan mareeyyoo yoo ta’u, Gabbisayyoonis ni jedhama .

Mareeyoon faaruu namni tokko dhahaa (jechaa) kaawwan ammoo huursanii jalaa qabaa gamtaan faarfataniidha. Hiikaan faaruu kanaas maree maree (marmaaree) ayyaana waggaa ittiin nu gahe akka jechuuti. Marsaa waggaa tokkoo ykn Gadaa tokko marsee ykn deebi’ee milkiidhaan dhufuusaa kan ittiin mul’isaniidha.

Faaruun Mareeyoo abdii fuula duraatiifis marmaarii (marii) ittiin nu gahi yaada jedhu of keessaa qaba. Faaruu mareeyoo keechaa muuraasn:

 

Mareeyoo, Mareeyoo, Mareeyoo;

Alaa mana nuuf toli yaa ayyooleeyoo;

Mareeyoo, Mareeyoo, Mareeyoo;

Mee nutti araarami yaa ayyoleeyoo;

 

Dhagaa guguddaa gamaa bishaantu walbaachisee;

Maseenni dhaluu hindidnee isintu walcaalchisee…

Jechaa gara irreeffannaatti dhiiraa dubartiin adeemu.

Faaruun Gabbisayyoo caalaa yeroo sirna ayyaana tokko deemanii milkiidhaan gara manaatti deebi’amu faarfatama. Kunis gabbannee (milkoofnee) nagaan deebine ergaa jedhu of keessaa qaba.

Gabbisayyo hoo…hoo… Roobee Biyya gabbisee

Gabbisayyo hoo..hoo… Roobee Biyya gabbisee

Gabbisayoo hoo..hoo roobii lafa nuuf gahi ;

Gabbisayyoo hoo…hoo yaa Waaqi ati nuuf nahi…

.Irreechi Mallattoo Nageenyaa fi Araaraati

Irreeecha jechuun marga yookan coqorsa jiidhaa yookaan ammoo ilillii Waaqa ittiin kadhatan jechuudha. Galchaan warra waa namatti himuuf kennamus Irreecha jedhamee waamama. Karaa biraatiin Irreecha jechuun mallattoo nageenyaafi araaraati.

Irreechi Ayyaana

Gama biraatiin yoo ilaalle Irreechi ayyaana. Sirna kadhaafi galata Waaqaaf godhamuudha. Kan Oromoon bahee itti Waaqa galateeffatuufi imaanaa Waaqa irra bulfatuudha. Irreechi ayyaana Waaqa kadhannaafi Waaqa galateeffannaati.

Oromoon birraa kan malkaatti bahuuf bashannanaaf yookaan waan biraaf miti. Waaqa dukkana gannaa nagaan isaan baase galateeffachuufi kan gara fuulduraaf immoo imaanaa Waaqa irra bulfachuufi. Akkasumas ayyaantummaa ofii gabbifachuufi Waaqa kadhachuufi. Kaayyoon ayyaana Irreechaas kanuma.

Irreechi Aadaadha

Namoonni baay’een ayyaana Irreechaa akka agarsiisa aadaatti fudhatu. Kan deemanis aadaa calaqqisiisuuf ta’uu danda’a. Irreechis aadaadha jedhu. Aadaansaaniis aadaa uffannaa ta’uu danda’a. Namoonni akkanaa aadaawwan Oromoo gadi fageenyaan waan hinbeekneef ishuma beekan, aadaa uffannaa sanaaf bakka guddaa kennu. Garuu aadaan uummata Oromoo aadaa uffannaa qofa miti. Haa ta’u ammuma kanaa beekuun waan jajjabeeffamuudha. Wanti hinbaratamne hinjiru waan ta’eef gaaf tokko waan keenya hundaa ni barra, wanti fedhe nutti cimullee waan ofii baruun nutti hincimu. Nutumti sammuu keenya waan keenya baruuf haa qopheessinu.

Irreechi kan deemamuuf aadaa calaqqisiisuuf qofa miti. Kaayyoon kabaja ayyaana Irreechaa inni guddaan Waaqa galateeffachuudha. Waaqa booruu gannaa nagaan biyya baase galateeffachuu, akkasumas ayyaana ofii kadhachuufi gabbifachuuti.

Sirboonni adda addaa, faaruun, uffanni aadaafi gochaaleen gaaf sana gochaa oollu garuu aadaadha. Aadaa Oromoo (Waaqeffannaa) kan ayyaana Irreechaa ittiin gabbisnuudha. Waaqeffattoonni gaafa ayyaana Irreechaa amantiifi ayyaantummaasaanii cimsachuuf waan adda addaa godhu.

 

Gaaf ayyaana Irreechaa eebbatu jira,Waaqa galateeffachuutu jira, akkasumas sirbootaafi faaruu adda addaatu jira. Kana malees gaafa sana waan baay’etu godhama. Kun hundi immoo aadaa amantii Oromoo, kan Waaqeffannaati. Waaqeffannaa ibsa, ayyaantummaa Waaqeffattootaa gabbisa. Eenyummaa ummata Oromoo calaqqisiisa. Kun immoo kan har’a uumame osoo hintaane, duudhaa ummata keenyaa dhaloota dhalotatti kan darbee dhufeedha.

Oromoonni gaafa ayyaana Irreechaa uffata aadaa, callee, siiqqee, horooroo, ciicoofi waan aadaan of faayanii gara malkaa deemu. Irreechas harkatti qabatu. Abbaan Gadaa Bokkuusaa qabata, warri Ulfaafi Caaccu qabus, ulfaafi caaccuusaanii qabatanii bahu. Warri abbaa fardaas fardasaanii faayanii yaabbatanii bahu. Warri foollees waan foollummaasaanii agarsiisu godhatanii sirbasaanii sirbaa gara malkaa deemu.

Kana qofa miti, gaafa ayyana Irreechaa waan baay’eetu jira. Dargaggoon ni sirba, maanguddoon mareeyoofi gabbisayyoo jedha, shamarran sirbasaanii sirbu. Aayyoliin faaruu aadaa faarsu, kuun Waaqa faarsa, kuun ammo ni eebbisa. Haala kanaan ayyaanni Irreechaa kabajama.

Walumaagalatti guyyaan ayyaana irreechaa guyyaa gammachuuti. Guyyaa Waaqa kadhannaafi Waaqa galateeffannaati.

Baga Ayyaana Irreecha bara 2012 addatti Finfinne,Hora Finfinne( Dololloo Buddeenaa) fi  Bishooftuu,Hora Harsadeetti Fulbaana 24 fi 25 walittiaanee kabajamuuf geechan.Irreechi keenya kan milkii akka tahuuf tumsi guddaan abbuma sirncha Oromorraa eegamaan dhaamsa keenya.
Maddi Barreeffama kanaa- Barruulee Aadaa fi Tuurizimii fi Gaazeexaa Bariisaati.

Facebook Comments