Maalummaa Irreechaa?

Irreechi hiika baay'ee yoo qabaates hiiknisaa inni guddaan, “Galatoo Waaqayyoo

Maalummaa Irreechaa?
Irreechi Oromoof maalii?

Irreechi hiika baay’ee yoo qabaates hiiknisaa inni guddaan, “Galatoo Waaqayyoo” (Happy, thanks giving day’) jechuudha. Irreechi waggaatti al lama kan geggeeffamuudha, Irreecha Tulluufi Irreecha Malkaa.
Inni gubaa masqalaa booda raawwatamu Irreecha malkaati. Kunis ganna gurraacha keessaa bahanii gamtaan Waaqasaanii galateeffachuuf kan raawwatamuudha.
Kutaalee addunyaa gara garaatti ayyaanonni Irreecha waliin walfakkaatan ni raawwatamu. Fakkeenyaaf ardii Awurooppaatti qonnaan bultoonni, waggaatti yeroo tokkoo karaa irratti bahanii timaatimiidhaan walreebu. Yoo akkas godhan Waaqayyo yeroo ittaanus biqiltuusaanii akkasumatti nuu tolcha jechuun kana raawwatu.
Irreechi sirna Waaqeffachuu gamtaadhaan Tulluufi malkaarratti ba’anii waaqa kadhataniifi ittigalateeffataniidha. Karaa biraatiin Irreecha yemmuu jennu hiika (yaada) birootis ni qaba. Kunis marga ykn coqorsa sirna ayyaaneffannaa tokkoof ykn araaraaf yoo deemamu harkatti qabatamus ni ibsa.
Sirni kabaja ayyaana Irreechaa waggaatti al lama wayitiilee arfaasaafi birraa kabajama. Ayyaanni Irreechaa arfaasaa keessa kabajamu kadhaa Waaqaaf gamtaadhaan dhiyeeffatamuudha. Innis yeroo roobni looniif baay’ee barbachisu waan ta’eef rooba nagayaa akka roobuuf tulluufi malkaatti ba’anii waaqa kadhatu. Akkasumas fuuldurri; ganna waan ta’eef, ganna dukkana nagaan nu hulluuqsisi, booqa birraatti nagaan nu baasi; sanyii facaate dadagaagsii nuu biqilchi jedhanii Waaqa kadhatu.
Ayyaanni Irreechaa birraa keessa kabajamu irra caalaatti galata Waaqaaf galchuuf yoo ta’u, milkaa’ina fuula duraatiifis ni kadhatu. Galanni Waaqaaf galfamu kunis, “Kadhaa keenya nuuf dhageesse; ifatti nu baastee, sanyii facaafanne nuu biqilchite, sa’aa-namaa nagaa nuuf kennitee galanni sihaa ga’u” jedhu.
Akkasumas milkaa’ina fuulduraatiif ammoo, “Midhaan alaa ga’e (bilchaate) namaafi sinbira wajjin nuu soori; bara nagaa kan quufaa nuu godhi; yaadaafi hawwii keenya nuu guuti;” jedhanii waaqa kadhatu.
Irreechi kun kan kabajamu birraa keessa malkaarratti. Kan irreeffatamus ayyaana Ifaanoo (Gubaa) booda. Oromoon osoo Ibsaa Birraa hinibsine Irreecha Birraa hinirreeffatu. Dura ibsaa ibsee qe’eesaatti kabaja. Ibsaa birraa ibsuun dukkana gannaa keessaa ifa yookaan booqa birraatti bahuu agarsiisa.
Irreechi diinqaa jalqaba jedhu maanguddoonni Tuulamaa. Achii qe’eetti baha. Sana booda irreechi sabaa kabajama.

 


Ayyaanni gubaa galgala waarii kabajama. Gaafa ayyaana gubaa kabajan daamotiin (xomborri) diinqatti qabsiifamee baha. Warri ulfaa qabu, galma ulfaatiyis ni baasa. Galmaayis daamotiin qabsiifamee ni baha. Irreechi diinqaa jalqaba kan jedhameefis kanumaafi. Erga daamotii qabsiifatanii qe’eetti gadi bahanii ibsaa ibsaa ayyaanicha haala ho’aa ta’een kabaju.
Bariisaa immoo ganama bakka gubaa itti guban sanatti buna dhaabanii Waaqa kadhatu. Waaqaafis galata galchu. Mijjirii irrattis ni irreeffatu. Irreeffannaan kun kan ta’u akka maatitti.
Irreechi Sabaa, kan Birraa, Horatti kabajama.

Kabajni ayyaana irreechaa bifa lamaan ilaalama. Inni tokko hidda dhalootaa ykn gosti naannawaa walitti dhiyeenyatti argaman hundi warra ulfaatti (warra angafaatti) walitti qabamanii gamtaadhaan faaruu irreechaaf faarsamu jechaa tulluu ykn malkaa naannawa dhiyeenyatti argamutti deemanii angafaa quxusuun eebbifatanii irreeffatu.
Irreechi Hora Finfinnee fi Harsadii Irreecha gosaa osoo hintaane Irreecha sabaati. Oromoo hundatu bahee irreeffata jechuudha. Ulfaan Gadaa shananii gaafa ayyaana Irreecha Birraa, bakka tokkotti bahu. Abbootiin Gadaa, bakka adda addaa jiran, Abbootiin Muudaafi warri Ulfaa gaaf sana hinhafan. Kadhaan Waaqaafi eebbi eebbifamus akka sabaatti.
Kaayyoon kabaja ayyaana Irreecha Birraa Waaqa booruu Gannaa keessaa nagaan namaafi sa’a gara Booqa Birraatti baase/hulluuqsiseef galata galchuudha. Waaqa bacaqii gannaa, rooba ulfaataa gannaafi dukkana gannaa keessa nagaan biyya hulluuqsisee daraaraa birraa, asheetaafi foolii birraan, walumaagalatti Waaqaaf galateeffachuudha.
Ayyaanni kun (Irreechi Birraa) ganna gurraacha, dhoqqee, bacaqii gannaafi rooba ulfaataa keessaa bahanii nagaan booqa birraa waan arganiif daraaraa, keelloo marga jiidhaa, coqorsaafi kkf harkatti qabatanii jaataniin malkaatti bahanii irreeffatan.
Sirni kabaja ayyaana irreechaa inni lammaffaan immoo sadarkaa sabaatti giddugaleessa tokkotti kabajamuudha. Akka saba Oromootti giddugaleessi kun Tuulama keessa Magaalaa Bishooftuu, naannawa Odaa Nabee, Hora Arsadii fi Hora finfinneetti seenaan kabajamaa turuun ni beekama.
Kutaa 2ffaan itti fufa
Maddi barruu kanaa Barrulee Aadaa fi Turizimii fi Gaazexaa Bariisaati.

Facebook Comments