Naannolee jidduu walmorkiin meeshalee waraanaa hidhachuu rakkoofi hanqina duraanii irraa barachuu dadhabuudha jedhan Dr.Abiyyi Ahimad.

Naannolee jidduu walmorkiin meeshalee waraanaa hidhachuu rakkoofi hanqina duraanii irraa barachuu dadhabuudha jedhan Dr.Abiyyi Ahimad.

Naannolee jidduu walmorkiin meeshalee waraanaa hidhachuu rakkoofi hanqina duraanii irraa barachuu dadhabuudha jedhan Dr.Abiyyi Ahimad.

Waraana addunyaa tokkooffaa irraa barachuu dhabuun waraana addunyaa lamaffaa irratti namoonni miiliyoona 65 ol akka du’aniif sababa ta’eera.

Itiyoophiyaa keeessatti rakkoo duraanii irraa barachuu dhabuun yeroo ammaa kana nageenyi biyyattii akka boora’uuf sababa ta’eera.

Itiyoophiyaa keessatti yeroo hundaa namoota waraana labsan uummanni Itiyoophiyaa bareechee beeka.
Paartileen umurii dheeraa qaban tokko tokkos yeroo kana irratti xiyyeeffatanii hojjetan ni mul’ata.

Yaada humna hidhannoon rakkoo ni hiikna jedhamu hafuu qaba . Jarraa amma keessa jirru kana keessatti humna waraanaan rakkoo hiikuun hin danda’amu mariin hiikama male.

Ummanni Amaaraa fi Tigiraay ummata gargar bahuu hindandeenye dha jedhan.

Hoggantoonni Naannolee kana lamaan bulchan rakkoo isaan jidduu jiru mariin akka furan yaa’ii kana fulduratti waamichan dhiyeessaaf.

Naannooleen nageenya eegisuus yoo barbaadan rakkoon akka hin uumamne naannoo isaanii keessatti hojjechuu qabu malee naannolee biraa keessa seenanii rakkoo uumuu hin qaban.

Dhimma Uummata Qimaantiin walqabatee jiru haala lamaan ilaaluun barbaachisaadha Ummata Qimaantiifi Amaaraa daangaafi aadaan gargar baasuun hindanda’amu.

Kanaaf ummata Qimantiifis Amaaraafis kan gaarii ta’u rakkoo isaanii karaa nagaa hikkachuu qabu.
Hoggantoonni ofii rakkoo uumanii yeroo hunda namoota birootti quba qaban yoo jiraates sirriitti of ilaaluu qabu.

Ummata Qimaantiif Amaaraa caalaa kan itti dhiyaatu hin jiru. Qaamolee rakkoon ummattoota kana lamaan jidduutti akka babal’atuuf hojjetan yoo jiraate rakkoo kana irraa of qusachuu qabu. Sababni isaas ummattoota kana lamaan yoo walitti buusne lubbuutu darba malee goonkumaa gargar isaan baasuu hin dandeenyu.

Dhimmi karaafi daangaa cufuu goonkumaa fudhatama hinqabu. Nageenya amma jiru rakkoo nageenyaa duraanii caalaa ol kaasanii gabaasuun sirrii akka hin taaneettin hubadha.

Itiyoophiyaan gara fuulduraatti tarkaanfatti malee goonkumaa duubatti hindeebitu jedheen yaadas jedhaniiru Dr. Abiyyi Ahimad.

Facebook Comments