FM Finfinnee 92.3 MHZ Afaan lamaan hojii kan eegale

Sirna eebbaa kanarratti Pireezidaantii itti Aanaa mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa argamaniiru.

PIAMNO

OBN Caamsaa 25, 2011 – OBN tamsaasa FM Afaan Ingilii fi Afaan Amaaraatiin magaalaa Finfinneetti eegale.

Tamsaasa kan eegalsisan Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa duudhaa fi aadaa ummata Oromoo afaan biroonis addunyaatti himuun murteessaadha jedhan.Image may contain: 2 people, people sitting

OBN afaanota adda addaan tamsaasuun barbaachisa wanta ta’eef har’a FM Finfinnee 92.3 MHZ Afaan lamaaniin hojii kan eegale jedhan.

OBN bajata mootummaan naannoo Oromiyaa ramadeen yeroo dhiyoo keessatti Istudiyoo muummichaa handhuura Oromiyaa magaalaa Finfinneerraa akka tamsaasuuf gamoon ijaaramaa jiraachuu Obbo Shimallis kan dubbatan.

Sirna eebbaa kanarratti Pireezidaantii itti Aanaa mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Daayirektarri olaanaa Abbaa Taayitaa Biroodikaastii Dr. Geetaachoo Dinquu fi qondaaltonni olaanoon Mootummaa Federaalaa fi Naannoo Oromiyaa argamaniiru.

Daayrektarri olaanaan OBN Obbo Zinaabuu Asiraat sirna eebbaa kanarratti deeggarsa Mootummaa naannoo Oromiyaa fi ummata Oromoon FM godinaalee Oromiyaatti hojii eegalsiisuuf qophiin xumuramuu himan.

OBN damee isaa biyyoota alaattis babal’isuuf haal – duree xumuree jira jedhan.

Image may contain: 8 people, people sitting and people standingImage may contain: one or more people and people standing

 

Facebook Comments