Taphni guutuu Afrikaa 12ffaan Morookoo Rabaatitti eegalame

OBN Hagayya 14, 2011 – Taphni guutuu Afrikaa 12’n qopheessummaa Morookoon gaggeefamu magaala Raabaattitti sirna miidhagaan eegalameera.

Dorgommiiwwan atleetotni 60,000 ol ta’an biyyoota Afrikaa hundarraa gosoota dorgommii 30’n wal dorgomu.

Dorgommiiwaan kunneen keessaa 17 kan ta’an Olompiika Tookiyoo bara 2020 tti adeemsifamuuf atileetota biyya bakka bu’an filachuuf gargaaru.

Miseensummaa Gamtaa Afrikaa keessaa baatee bara 2017tti kan deebite Morookoon, yeroo dheera booda dorgommicha qopheessuun itti deebite.

Gareen Itiyoophiyaa gosoota ispoortii 13’n dorgommii kanarratti hiraamachuuf Dilbata darbe Raabaat galeera.

Facebook Comments