Gulaallii Waancaa Awurooppaa.

Gulaallii Waancaa Awurooppaa bara 2020'tiin Shaampiyooniin dorgomichaa Poorchugaal hirmaannaa dorgomichaaa mirkaneefatte.

Gulaallii Waancaa Awurooppaa bara 2020’tiin Shaampiyooniin dorgomichaa Poorchugaal hirmaannaa dorgomichaaa mirkaneefatte.
Taphoota ramaddii “A” tiin dursitee darbuu ishee kan mirkaneefatte Ingilandi dirree isheetiin ala goolii 4-0’n Kosovo mo’atte.


Hary Winkis, Hary Kane, Marcos RAshford fi Mosun Mount gooliwwan injifannoo Ingilaandi galchaniiru.
Bulgaariyaan ammoo goolii 1-0’n Rippbalika Cheek mo’atte.
Morkii ramaddi “B”tiin Shaampiyooniin dorgomichaa Poorchugaal dirree isheetiin ala gooliwwan Bruno Fernandes fi CR7 galchaniin goolii 2-0’n Luxember injifachuun hirmaannaa dorgomichaa argatte.
Taphoota ramaddii ‘H’tiin Firansi Albaaniyaa, Tarkiin Andooraa goolii 2-0’n injifataniiru. Korentin Toliso fi Grezman gooliwwan injifanoo Fransi galchaniiru.
Icelandis goolii 2-1Moldova injifatete jirti.
BBC gabaase.

Facebook Comments