Atileet Qananiisaa Baqqalaa fi Eliud Kipchoge waliin fiiguufi.

Atileet Qananiisaa Baqqalaa fi Eliud Kipchoge waliin fiiguufi.

 

 

OBN Amajjii 08,2012-Atileet Qananiisaa Baqqalaa fi Atileetiin Keeniyaa Eliud Kipchoge Maaraatoonii Landan barana fiigamurratti walmorkii cimaa akka gaggeessan BBC gabaaseera.

Atileet Qananiisaa Baqqalaa Maraatoonii Addunyaa sa’aatii saffisaa galmeessuun sadarkaa lammaffaadha; Eliud Kipchoge ammoo abbaa Riikordii addunyaati.

Qananiisaan Fulbaana darbe Barlin irratti fiigee Rikoordii maraatoonii Addunyaa fooyyeessuuf sekondii 02 qofa isa hafee ture.

Atileet Qananiisaa Baqqalaa fi Eliud Kipchoge yeroo 20 waliin fiiganii yeroo 13 Qananiisaatu injifate.

Fiigicha Tiraakiirraa yeroo 14 waliin fiiganii Qananiisaan 11 injifateera.

Fiigicha Daandiirraan maraatoonii yeroo 4 waliin fiiganii arfanuu Eliud Kipchoge’tu mo’ate Madda BBC

Facebook Comments