Gulaallii Waancaa Afrikaa dubartoota umrii 17 gadiitiin Gareen biyyaalessa Itiyoophiyaa mo’ame.

Gulaallii Waancaa Afrikaa dubartoota umrii 17 gadiitiin Gareen biyyaalessa Itiyoophiyaa mo'ame.

 

 

 

OBN Amajjii18,2012-Tapha gulaallii Waancaa Afrikaa dubartoota umrii 17 gadiitiin Gareen biyyaalessa Itiyoophiyaa 3-1’n Yugaandaan injifataman.

Tapha duraan dirreen ala goolii 2fi 0’n kan mo’aman gareen Itoophiyaa tapha deebiin kaleessa Istaadiyeemii intarnaashinaala Baahridaaritti carraa isaanii eegsifachuu hin dandeenne.

Ugaandaadhaaf  Maargaareet Kuuniheeraa daqiiqaa 55ffaarratti goolii jalqabaa yoo galchitu, Juuliyet Naalukeengee daqiiqaa. 64ffaafi 78ffaarratti goolii lama galchite.

Ethiopi’adhaaf Araggaash daqiiqaa 61ffaarratti goolii injifatamuu jalaa isaan hin baraarre galchiteetti.

Gareen biyyaalessa  Ethiophiyaa dubartootaa umrii 17 gadii kun dhaqaa galaan goolii 5-1’n mo’amuun dorgommicha ala ta’uusaati.

Facebook Comments