Waancaa FA Ingilaandiin kilaboonni Maanchistar lameenii injifachuun marsaa 5ffaaf darban.

Waancaa FA Ingilaandiin kilaboonni Maanchistar lameenii injifachuun marsaa 5ffaaf darban.

 

 

OBN Amajjii18,2012-Marsaa 4ffaa Waancaa FA Ingilaandiin kaleessa kilaboonni Maanchistar lameen injifachuun marsaa 5ffaaf darban.

Liivarpuul qixa bahuun tapha deebiin falmachuuf dirqameera.

Itihaaditti Fuulhaam kan simate Maanchistar Siitiin goolii 4fi 0’n injifate.

Kaleessuma Tiranmeree waliin dirreen ala kan falmate Maanchistar Unitid goolii baay’ee 6fi 0’n injifate.

Dirreen ala Shirewubarii waliin kan taphate Liivarpuul goolii 2fi 2’n qixa bahuun tapha deebiin carraa gara marsaa itti aanutti darbuu kan murteeffatu ta’a.

Kilaboonni magaalaa Manchistar lameen ammoo marsaa itti aanutti darbuu mirkaneeffataniiru.Madda BBC

Facebook Comments