Liverpuul Atileetikoo Maadridin goolii 1fi 0’n mo’ame.

Liverpuul Atileetikoo Maadridin goolii 1fi 0’n mo’ame.

 

 

OBN Gur 11,2012-Taphoota mo’atanii darbuu waancaa Chaampiyons Liigii Awuroppaa marsaa jalqabaatiin gara Ispeen kan imale Liverpuul Atileetikoo Madridin goolii 1fi 0’n mo’amee deebi’e.

As dhiyoo yeroo 2 xummuraaaf gahuun waancaa kan dhabe gareen Atileetikoo Madrid jalqabummaa dhiibbaa taasisuu eegaleen Sawul Niguez daqiiqaa 4ffaarratti goolii galchee injifate.

Gama Liverpuulin Mahammad Salaafi Jordaan Hendersan carraawwan goolii ta’uu dandeessu argataniis gahumsa goolii eegaa Atileetikoo madridin osoo hin milkaa’in hafan.

Taphni deebii guyyoota 20 boodaa bitootessaa 11 Anfilditti taphatama.

Gara Jarmanitti imaluun Signal Eduna Parkitti Borshiyaa Dortumund waliin kan taphate PSG’n goolii 2fi 1’n mo’amee deebi’e.

Taphataan gannaa 19 lammiin Norway Erliingi Haalandi daq iiqaa 69ffaa fi 77ffarratti gooliwwan injifannoo 2’n Boorshiyaa Dortumundiif galchuun gahumsa olaanaa mul’isaa jiru itti fufsiiseera.

Goolii takkitti kilaba Firaansi PSG injifatamuurraa hinbaraarree Neymar Junioritu daqiiqaa 75ffaarratti galche.Madda BBC

Facebook Comments