Vaayirasii Koronaan qabamee kan ture Leenjisaan Arseenaal Mikeel Arteettaan sadarkaa fooyyeerra akka jiru himame.

Vaayirasii Koronaan qabamee kan ture Leenjisaan Arseenaal Mikeel Arteettaan sadarkaa fooyyeerra akka jiru himame.

 

 

OBN Bit.11,2012-Vaayirasii Koronaan qabamee kan ture Leenjisaan Arseenaal Mikeel Arteettaan sadarkaa fooyyeerra akka jiru himame.

Kilabichi akka beeksisetii Mikeel Arteettaan sadarkaa gaariirratti kan argama. Dhiheenyatti taphattoota kilabichaatti makamuuf karoorfachuusas ibseera.

Kilabichi dabaluun erga Arteetan Vaayirasii Kanaan qabamee eegalee cufamee kan ture Gidduu Galli Leenjii garee jalqabaa kilabichaa London Colney fi kan akkaadaamii garichaa Hale Endi banamaniiru.

Miseensonni Leenjistoota kilabichaa fi taphaattootni garee jalqabaa hedduun qophaatti qorannoon taasifamaafi akka jirus himameera.

Kilabichi dabaluunis Hawaasa Magaalatti Sababa Vaayirasii Kanaan miidhamanis akka gargaaru ibseera. Madda:-Sky sport

Facebook Comments