ABO fi mootummaan waliigaltee xummuraarra gahuusaanii ibsa har’a kennaniin beeksisaniiru

Gabaasa dhiyaateen ABOn waraana bosonaa akka hin qabaanne himameera.

OBN Caamsaa 21, 2011 – Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) fi mootummaan waliigaltee xummuraarra gahuusaanii ibsa har’a kennaniin beeksisaniiru.

Koreen araaraas bu’aa xumura araara ABO fi mootummaa jidduutti taasifame irratti ibsa kenneera.

Gabaasa dhiyaateenis ABOn waraana bosonaa akka hin qabaanne himameera.

Ibsa isaanii keessatti kana booda ABO Gumii Sabaafi MNO akkasumas ODP nageenya Oromiyaa mirkaneessuu fi tokkummaa ummata Oromoo cimsuuf waliin akka hojjetan waliigalteerra gahuu isaanii ifoomsanii jiru.
Leensaa Baqqalaatu gabaase.

 

Facebook Comments