Ayyaanni Fiichee Caambaalaalaa Magaalaa Hawaasaatti kabajamaa jira

Yeroo ammaa kana sirni Qexeelaa raawwatamaa jira.

OBN Caamsaa 23, 2011 – Ayyaanni Fiichee Caambaalaalaa sirna hoo’aan magaalaa Hawaasaatti kabajamaa jira.

Ayyaanni bara haaraa saba Sidaamaa kaleessarraa eegalee sagantaa garaa garaan haala hoo’aa ta’een kabajamaa jira.

Yeroo ammaa kanas sirni Qexeelaa raawwatamaa jira.

Sirna kabaja ayyaana kanarrattis sabaa fi sablammootni garaa garaa kan hirmaatan yoo ta’u, kaleessa irraa eegalee keessummoonni kallattii garaa garaan magaalaa Hawaasaa galaniiru.

Jilli Pireezidaantii Itti Aanaa MNO obbo Shimallis Abdiisaan duurfamu kaleessa garas kan imale yoo ta’u, waltajjii marii kaleessa gaggeeffame irraa eegalee guyyaa har’aas ayyaanicharratti hirmaachaa jiru.

Dabalataanis Qeerroon fi Qarreen bara kana haala adda ta’een Fiichee Caambaalaalaa irratti hirmaataniiru.

 

Facebook Comments