Dorgommiin istaartaapi Itiyoophiyaa eegalame

OBN Waxabajjii 1, 2011 –Qaama sosochii torbee Innooveeshinii Itiyoophiyaa kan ta’e dorgommiin istaartaapi Itiyoophiyaa eegalame.

Waltajjicha ministirri Ministeera Innooveeshin Teeknooloojii Dr. Injiinar Geetaahuun Makuriyaa jalqabsiisaniiru.

Saganticharratti ogeeyyiin dhaabbilee idil addunyaarraa dhufan argamaniiru.

Sagantichi qaama torbee innooveeshinii Ityoophiyaati.

Diinagdee diijiitaalaa deeggaruuf seeronni ba’anii hojiirra kan oolan ta’uu ministirichi beeksisaniiru.

Sagantichi amma booritti kan itti fufu yammuu ta’u, dorgomaa 1ffaa ba’eef badhaasni amma Birrii miiliyoona 1 ni laatama jedha odeeffannoon Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii irraa arganne ni mul’isa.

 

Facebook Comments