Erga koronaa Vaayiras ka’e Fedhiin Daandii Qilleensa Itoophiyaan balali’uu %20’n gadi bu’uu himame.

Erga koronaa Vaayiras ka'e Fedhiin Daandii Qilleensa Itoophiyaan balali'uu 'n gadi bu'uu himame.

 

 

OBN Gur 25,2012-Erga Koronaavaayirasii mudatee fedhiin imaltoota xiyyaara Itoophiyaan balali’uu %20’n hir’achuu, Hogganaa Olaanaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa, Obbo Tawalde Gabramaariyam himan.

Obbo Tawalden kana kan jedhan Yaa’ii Aviyeeshinii Afrikaa Roobii Finfinneetti eegale irratti.

Daandiileen qilleensaa Afriikaa weerara koronaavaayirasiin wal qabatee baatii tokko keessatti qofa kasaaraan Doolaara Ameerikaa Miiliyoona 400 mudachuu himameera.

Daandiileen qilleensaa Afrikaa hedduun erga weerarri koronaavaayiras eegalee gara Chaayinaa Balali’uu yoo dhaaban kan Itoophiyaa itti fufeera.

Fedhiin imaltoonni xiyyaara Itoophiyaan imaluu kan hir’ateefis Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa guyyuu gara Chaayinaa waan balali’aa jiruuf ta’uu Obbo Tawaldeen himan.

Facebook Comments