Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Vaayirasi Koroonaan qabamani sagal gaheera.

Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Vaayirasi Koroonaan qabamani sagal gaheera.

 

 

OBN Bit. 10,2012- Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Vaayirasi Koroonaan qabamani sagal gaheera.

Qorannoo taasifamen namoonni sadii dabalataan mallattoon dhibee kanaa irratti mul’achuun wayita ammaa yaalamaa jiraachuu Ministirri Fayyaa Dr. Liyaa Taaddasa beeksisaniru.

Namoota vaayirasichi irratti argame keessaa tokko lammi Jaappaan umriin isaani 44 yoo tahu kan yeroo duraa vaayirasichi keessatti argame waliin qunnamti waan qabanif qorannoon vaayirasichi keessatti argamuun wal’anamaa jiran.

Isaan lamaffaan ammoo lammi Itoophiyaa maanguddoo ganna 85 gaafa Gurraandhala 23,2012 biyya alaarraa kan galan yoo tahu addatti bahani qorannoon hospitaalatti taasifamaafi ture.
Eeru hospitaala itti yaalamanirraa argataniin qorannon vaayirasichi irratti argameera jedhu Dr. Liyaa Taaddasaa.

Inni 3ffaan ammoo lammii Ostiriyaa ganna 39 yoo tahan Bitootessa 06,2012 gara biyyaa dhufan.
Qorannoo isaaniif taasifameen vaayirasichi irratti waan argameef yaaliin fayyaa taasifamaafi akka jiru ibsi Ministeerri Fayyaa baase beeksiseera.

Namoota vaayirasichi irratti argame keessaa namoonni lamaan haala gaariirra yoo jiraatan maanguddoon ganna 85 garuu haalli irra jiran ulfaataa waan taheef yaaliin fayyaa taasifamaafi akka jiru Dr. Liyaan ibsa baheen beeksisaniru.

Facebook Comments