Keeniyaatti namoonni dabalataa 9 koronaavaayirasiin qabamuu isaanii, Ministirri Fayyaa biyyattii beeksise.

Keeniyaatti namoonni dabalataa 9 koronaavaayirasiin qabamuu isaanii, Ministirri Fayyaa biyyattii beeksise.

 

 

OBN Bit 15,2012- Keeniyaatti namoonni dabalataa 9 koronaavaayirasiin qabamuu isaanii, Ministirri Fayyaa biyyattii beeksise.

Kuni lakkoofsa namoota biyyattii keessatti vaayirasichaan qabamanii 25’n gahee jira.

Namoonni 9 vaayirasichaan qabaman kunneen Naayiroobii dabalatee kutaalee biyyaa afur keessatti kan argamedha jedhan,Ministirri Fayyaa biyyattii Mutaahii Kaaguwee.

Namoota sagal keessa 7 lammilee Keeniyaa yoo ta’an 2 ammoo lammiilee biyyoota alaati.

Vaayirasichi magaalaa gudditti Naayiroobii keessaa bahee kutaalee biyyattii keessatti mul’achuun yoo mirkanaa’u kuni yeroo duraatiifi.Madda:- BBC

Facebook Comments