Tatamsa’ina Vaayirasii Koronaa to’achuuf murtoo MNO dabarse.

Tatamsa'ina Vaayirasii Koronaa to’achuuf murtoo MNO dabarse.

 

 

OBN Bit.15,2012- Tatamsa’ina Vaayirasii Koronaa to’achuuf murtoo MNO dabarse.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa tatamsa’inaa vaayirasii koronaa to’achuudhaaf koree task foorsii sadarkaa naannoo irraa kaasee hanga gandaatti hundeessuun sochii bal’aa taasisaa jira.

Sochii tatamsa’ina vaayirasichaa to’achuuf taasifamu milkeessuuf mootummaan Naannoo Oromiyaa murtoowwan armaan gadii dabarsee jira.

1.Tatamsa’ina vaayirasii kanaa to’achuuf gaheen hoggansaa fi hojjetoota mootummaa murteessa akka ta’e beekamaadha.

Haata’u malee baay’ina hojjetootaa fi walitti siqeenya iddoo hojii isaaniirra kan ka’e saaxilamuummaa jiraachuu danda’u xiqqeeesuudhaaf hojjetootni mootummaa dhibee irra turee fi mirkanaa’e qaban, dubartootni ulfa ta’anii fi daa’imman hoosissan, hojjetoota mootummaa umuriin isaanii sooramatti siqan guyyaa borii irraa kaasee boqonnaa waggaa akka bahan murtaa’ee jira.

Kun akkuma jirutti ta’ee hojjeetootni mootummaa boqonnaa waggaa isaanii fudhachuu danda’an akkaataa tajaajilli mootummaa hin gufanneen hoggansa manneen hojiitiin ilaalamaa boqonnaa waggaa isaanii akka bahan murtaa’ee jira.

Kun akkuma jirutti ta’ee ogeeyyii tajaajila ummatatiif murteessaa ta’an, qaamolee nageenyaa, ogeeyyii fayyaa, hogganttoota hojii motuumaa naannoodhaa hanga gandaa jiran yeroo rakkinaa kana keessaa hanga baanutti hojii isaanii miira itti gaafatamuummaa addaatiin yeroo qaban hunda hojii dhibee kana to’achuu fi ittisuu irratti akka xiyyeeffatan murtaa’ee jira.

2.Tatamsa’inni vaayirasii kanaa bal’inaan idoowwan namootni walitti siqanii jiraatan, Magaalota gurguddoo keessatti carraa babal’achuu guddaa waan qabaatuuf, amma tamsa’inni vaayirasii kanaa to’atamutti ummatni keenya baadiyyaa keessa jiraatu sochii gara magaalaatti taasisu yeroodhaaf akka hir’isu cimsinee gorsina.

3.Mootummaan Naannoo Oromiyaa tamsa’ina vaayirasichaa to’achuuf jecha hojiiwwan hubannoo uumuu bal’inaan kennaa akka ture ni beekama.

Ta’us qaamooleen hawaasa garaa garaa, dhaabbileen daldalaa dhuunfaa kannen akka hoteelotaa, mana ciisichaa, mana jimaa, manneen bashannana addaa adda akkasumas dhaabbileen amantaa tokko tokko faallaa gorsa ogeeyyiin fayyaa kennaa jiranii fi murtoo mootumman vaayirasicha to’achuuf fudhateen faallaa socho’aa akka jiran hubatamee jira.

Mootumaan ummata keenya balaa irraa baraaruuf jecha qaamoota gorsaa fi barnootaa ogeeyyii fayyatin kennamu akkasumas murtoo mootummaa faalleessuun socha’an kamiyyuratti tarkaanfii ol’aantummaa seeraa kabajichiisuu kan fudhatu ta’a.

4.Dhibeen kun biyya keenyatti erga mul’atee kaasee lammiilee hedduun sochii tajaajila lammummaatiin meeshaalee qulqullinaa gumaachuu, hojii hubannoo uumuu irraatti hirmaachuun dirqama isaanii bahaa jiru.

Faallaa kanaatiin dalaltootnii fi namootni dhuunfaa tatamsa’ina vaayirasii koronaa sababeeffachuun qaxxaamuraan badhaadhuuf gatii hin mallee dabaluudhaan ummata miidhaa akka jiran bira gahamee jira.

Hordoffii hanga ammaatti taasifameenis dhaabbilee daldalaa 1600 ol ta’anirratti tarkaanfiin ol’aantumaa seeraa kabajichiisuu kan fudhatamee yoo ta’u, qaamota seeran ala daballi gatii taasisuun ummata dararan irratti tarkaanfiin ol’aantummaa seeraa kabajichiisuu cimee kan itti fufu ta’a.

5.Caasaan nageenyaa naannoo keenyaa sadarkaan jiru hunda dursa balaa tatamsa’inni vayirasii kanaa qaqqabsiisuu danda’u hubachuun gorsa ogeeyyiin fayyaa kennan bu’uura godhachuun ofii isaatiif of eeggannoo taasisaa, ummata isaa balaa kana irraa baraaruuf sochii godhamu tumsuuf gama hundaan akka of qopheessu cimsinee hubachiifna.

6.Xumura irrattis Mootumaan Naannoo Oromiyaa yeroo kamiyyuu caalaa humna qabu hunda sochoosuudhaan ummata keenya balaa kanarraa baraaruuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechuu cimee kan itti fufu ta’uu ibsaa, qaamotaa faallaa sochii vaayirasii kana to’achuuf taasifamu gufachiisuuuf soch’an kamirrattiiyyu tarkaanfii seeraa barbaachisuu kan fudhatuu ta’uu ibsaa, qaamotni seera kabajichiisanis kana hubatranii of eeggannoo cimaadhaan akka raawwachiisan kallattiin kaa’amee jira.
Bitootessa 15/2012
Finfinnee

Facebook Comments