Waltajjiin leenjii hoggansa Paartii Badhaadhinaa guyyootii 15f magaalaa Jimmaatti taa’amaa ture xumurame

Waltajjichi har’a bakka pireezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan argamanitti xumurameera.

Obbo Shimallis gaggeessitoonni hubannoo leenjidhaan argatan hojiitti hiikuun gahee isaanii akka ba’atan dhaamaniiru.

Leenjii magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa turerratti hoggansi Magaalaa Jimmaa, Godina Jimmaa, Qeellam Wallaggaa, Lixa Wallaggaa, Iluu Abbaa Booraa fi Buunoo Beddelleerraa walitti babba’an 2,300 ol irratti hirmaataniiru.
BDhKMNO gabaase

Facebook Comments