Gatiin bob’aa Ameerikaan omishtu kufee seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif zeeroo gadi ta’e.

Gatiin bob'aa Ameerikaan omishtu kufee seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif zeeroo gadi ta'e.

 

 

OBN Ebla 14,2012-Gatiin bob’aa Ameerikaan omishtu kufee seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif zeeroo gadi ta’e.

Gatiin ka’umsa boba’aa Ameerikaan omishtuu akka gatii ka’umsaa Weest Teksaas baasuutti boba’aan barmeeliin tokko zeeroo gadi darbeera jedhame.

Kun ammoo lammilee biyyoota boba’aa bitachuun fayyadamanii biratti waan gammachuu uume fakkaata.

Akkuma Itoophiyaa biyyoonni boba’aa bitachuun fayyadaman omisha kana tolaan yookaan ammoo isaaniif kaffalameeyyu akka fudhatan taasifamuu danda’a jechuunillee kan tilmaaman tokko tokko hin dhiban.

Kun garuu dhugaa hin ta’u. Kanaaf, omishini boba’aa gatiin isaa kufee zeeroo gadi ta’e jechuun maal? Maal miidhee, maal fayyada? Kanneen jedhan gaaffii namoota hedduudha.

Yeroo ammaa kana biyoonni baba’aa omishan fedhiin fayyadamuu boba’aa gara malee waan gadi bu’eef omishtoonni hanga ji’a Caamsaatti bakka boba’aa itti kuufatan dhabaniiru.

Kanarraa kan ka’eenis, gatii baayyee kufaa ta’een akka boba’aa isaanirraa fudhataniif kadhataa jiru jechuun ni danda’ama.

Kana jechuun ammoo omishtoonni boba’aa omisha isaanii gurgurachuu dhabuun alatti kan omishanillee bakka itti kuufatan dhabaa jiru.

Kanaaf, bakka itti kuufatan kireeffachuudhaaf waan dirqamaniif galii caalaa baasii guddaa keessa galaa jiru jechuudha.

Gatiin boba’aa addunyaa gadi bu’aa dhufus fedhiin dabaluu caalaa hir’ataa jira. Kanaaf, omishni kun barbaadamaa hin jiru jechuudha yeroo ammaa kana.

Biyyoota Afrikaa keessattis sababa weerara koronaavaayirasiirraa kan ka’een gatiin boba’aa hir’atulleen fedhiin fayyadamuu dabaluu caalaa hanga kanaan dura fayyadamullee kan bitachaa jiru hin jiru.

Walumaagalatti sababa weerara koronaavaayirasii kanaan sochiin waan dhorkameef boba’aa fayyadamuun waan hir’ateef fedhiin baayyee gadi bu’aa akka jiru himamuutti jira.

Fakkeenyaaf, gaajjibni daandii qilleensaa sadarkaa kanaan dura argamee hin beekneen dhaabbatee jira.

Warshaaleen omisha isaanii hir’isaniiru; kan dhaabanillees ni jiru. Konkolaataawwan biyya qaxxaamuraniifi magaalaawwan keessa socho’anillee sochii hir’isaniiru.

Sababii kanaaf fedhiin boba’aa fayyadamuu akka malee hir’ateera.

Yeroo gababaa keessattis sochii dinagdee kamiyyu keessatti fedhiin boba’aa fayyadamuu ni dabala kan jedhu waan yeroo dhiyootti ta’u hin fakkaatu.

Yeroo ammaa kana gatiin boba’aa gadi bu’us omishuun garuu ittuma fufee jira. Kanaaf ammoo sababiin boola boba’aan keessaa bahan cufuurra boba’aa omishaadhuma bakka omisha itti kuufatan kireeffachuuti irra kan bu’aa qabu ta’a jedhama.

Paatiriik Obaat Keeniyaatti dhuunfaatiin gorsaa dhimmoota omishaafi gabaa boba’aa ta’uun hojjetu. “Yeroo ammaa kana kan mul’ataa jiru omishtoonni boba’aa omisha isaanii gurgurachuu hin dandeenye.

Dabalataan ammoo bakka boba’aa itti kuufataniif kiraa kaffaluun isaanirra jiraata. Kana waan ta’eef, boolla boba’aa keessaa baasan cufuu caalaa baasii baasuudhaan bakka itti kuufatan koreeffachuun omisha isaanii itti fufuu filataniiru.

Kanaafidha gatii boba’aa kan zeeroo gadidha jedhamuuf,” jechuun ibsan.

Kanaaf, gatiin boba’aa gadi bu’uun warreen bitachuun itti fayyadamanniif carraa tolaan argachuu uumaaf osoo hin taane, dhiibbaa baasii omishtootarra jiru kan agarsiisudha.

Kana jechuun ammoo omishtoonni boba’aa barmeela omisha isaanii qabatee jiru gurguruu caalaa bakka kuusaaf ta’u argachuuf baasii waan baasaniif gatii boba’aa irratti kan jijjiiramni guddaan uumame.

Kana waan ta’eef eenyuyyu zayita boba’aa tola argachuu hin danda’u.

Kun akkasiin itti fufee jennaan ammoo bakki boba’aa itti kuusan lafarra jiran guutanii dooniiwwan boba’aa fe’an galaanarra jiran dabalatee dabalatee bakka itti kuusan ta’uu mala.

Hangasittis haalli jiru foyyaa’ee sochiin bakka duraan turetti deebi’ee fedhiin zayita boba’aas omishi dhiyaatu haala walsimuun sirrachuu danda’a.

Omishni irraa hafaa ta’e jiraatus garuu omishuun ittuma fufee jira. Kanarraa kan ka’een ammoo gatiin isaa gaduma hir’achaa deemuun isaa hin oolu.

Ji’oota itti aanan keessa gatiin boba’aa barmeela tokkoo Doolaara 15 hanga 20 ni ta’a, jedhu Obaat.

Biyyoonni Afrikaa akka Naajeeriyaafi Angoolaa dinagdeen isaanii omisha zayita boba’aa irratti hundaa’e dhiibbaan guddaan isaan mudata jedhamee tilmaamama.

Warra kaan waliin dorgomuudhaan omisha isaanii barmeela tokkotti Doolaara 10 gurgurachuu dandeenyaanuu carra qabeeyyiidha jedhamuu danda’u.Madda BBC

Facebook Comments