Injiinar Taakkalaa Uumaa dhaabbata Itiyoo Giriin daawwatan

Dhaabbatichi waggoota torbaan dura biddeena gara biyya alaatti erguuf kan hunda'ee yoo ta'u, guyyaatti biddeena kuma 10 tolchun gara biyya alaatti erga.

OBN Wax. 3, 2011 -Injiinar Taakkalaa Uumaa dhaabbata biddeena gara biyya alaatti ergu Itiyoo Giriin  daawwatan.

Dhaabbatichi waggoota torbaan dura biddeena gara biyya alaatti erguuf kan hunda’ee yoo ta’u, guyyaatti biddeena kuma 10 tolchuun gara biyya alaatti erga.

Image may contain: 5 people, people smiling, indoor

Dhaabbanni kun namoota 100 oliif carraa hojii kan uume yoo ta’u, barbaree, shiroo, daakuu xaafii fi kanneen biroo gara biyya alatti erguun sharafa biyya alaa argamsiisaa jira.

Daawwanna tasaa guyyaa har’aa taasisaniin hojii dhaabbatichaa dinqisifachuun rakkoo isaa furuuf bulchiinsi magaalaa Finfinnee kan hojjetu ta’uu himaniiru.

Lammiileen biyyaatti fi biyya alaa jiran hojji invastimaantirratti bobba’un carraa hojiin uumun ga’e isaanii akka ba’an kan gaafatan Injiinar Taakkalaa Uumaa, bulchiinsi magaalichaa deeggarsa barbaachisu hunda taasisuuf qophi ta’uu himan.

Facebook Comments