Ashaaraa Magariisaa Ashaaraa dhaloota Injifataa biqiltuu dhaabuun dhaloota egereef seenaa haa keenyu!

OBN Ado 18, 2011- Ibsa Ejjennoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa Balballoomsu.

Ummanni Oromoo duudhaa sirna gadaatiin kanneen dhalootaa dhalootatti dabarsu keessaa tokko biqiltuudha.

Biqiltuu dhaabuun kunuunsuu fi seeraan itti fayyadamuun aadaa duudhaa fi safuu ummanni Oromoo dhaloota hanga har’aatti ittiin beekamuu fi bu’aa olaanaa irraa argachaa turedha. Duudhaan kun keessattuu biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane kabajni biqiltuuf qabu olaanaadha. Aadaan ummata Oromoo kun immoo ummata biyya keenyaaf fakkeenyummaan waggaa dheeraadhaaf kan wajjin jiraataa turee fi naannoo magariituu, jiidhinsa hawwataa, rooba gahaa argamsiisaa tureera.

Safuun ummanni Oromoo qabeenya uumamaaf qabu kunneen ummaticha jaarraa hedduu boonsurra darbee abbaa qabeenya uumamaa fi abbaa dachee magariisaa taasiseera.

Dacheen Oromoo magariisa ta’uun immoo ummanni Oromoo akka qabeenya horiitii fi uumamaatiin badhaadhaa taa’u taasise, bineensota bosonaa sadarkaa addunyaatti hin argamne akka jiraatanii fi mandhee bineensota bosonaa bebbeekamoo akka taa’an, akkasumas dhala namaatiif qilleensi mijaawaan akka uumamu ,midhaan dachee Oromiyaarraa akka biqilu taasisuun awwattummaa naannoo fi ummata naannoo Oromiyaaf uumeera.

Oromiyaan dachee magariituu fi madda qabeenya uumamaati wayita jedhamu akkafeeteedhaan kan argame osoo hin taane dhaloonni darbe biqiltuu dhaabee ,kunuunsee, eegee ,yoo mure bakka buusee, waan seeraan itti fayyadamaa tureefidha.

Haata’u iyyu malee waggoottan muraasaa as qabeenyi uumamaa mimmiidhagoon, hawwattummaan isaanii sadarkaa addunyaatti beekamanii fi wabii jiruu fi jireenya dhala namaa jedhamanii abdatamaa turan balaa adda addaaf saaxilamaa dhufaniiru.

Balaan qabeenya uumamaarra gahaa ture irra caalaansaanii namaan kan uumamaa turan yommuu ta’an keessattuu immoo biqiltuuwwan abbootii keenyaan dhaabamanii kunuunfamaa turan sababa garagaraatiin manca’anii iddoowwan bosona turan lafa duwwaa qilleensa gogaa fi namas ta’ee lubbu qabeeyyiin irra jiraachuu hin dandeenyetti jijjiiramaa jiru.

Duudhaan Oromummaa ganamaa sirna gadaatiin dhaalle garuu muka muruun dura kamtu yoom muramaa sirna qaba,bakka buusuuniis akkasuma seenaa kanatti deebi’uun Oromummaa calaqqisiisuudha,Dhaloota egaree ijaaruudha,Kana irraa ka’uudhaan qabeenya uumamaa keenya iddoo ganamaatti deebisuuf sochii Muummichi Ministeera Rippabilika Dimokiraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa Dr. Abiyi Ahimad sadarkaa biyyaatti duula biqiltuu dhaabuun ashaaraa magariisaa haa keenyu jedhuun gaafa 22/11/2011 duulli biqiltuu dhaabuu akka naannoo fi biyya keenyaatti ni gaggeeffama.

Biqiltuu dhaabuun dachee keenya magariisaa gochuudhaan qilleensa mijataan jiruu fi jireenya dhala namaatiif tolu akka uumamu taasisa. Laggeenii fi haroowwan sababa gogiinsaatiin burqaan isaanii goge deebi’ee damdamatee faayidaa dhala namaatiif akka oolu taasisa. Jiruu ummata keenyaa roobarratti hundaa’e waggaa guutuu bokkaa akka argatu taasisa. Horii fi dhalli namaa dawoo argachuurra darbanii rakkoo tokko malee waan ittiin jiraatanii fi keessa jiraatan argatu.Godaansi lubbu qabeeyyii fi dhala namaa ni dhaabbata , hawwattummaan turiizimii ni dabala.

Faalamni qilleensa gubataa biyya keenyarraa dhabamsiisuu dandeessisa. Burqaan iddoo duudhaa ganamaatti deebiti.Bineensi bosonaa gara keenyatti godaanu. Dhiqamni biyyoo fi bishaanii hafee burqaawwan gogan deebi’anii dhala namaa tajaajilu.

Dhaloonni injifataan dhaloota boruuf seenaa kaa’a. Dhaloonni injifataa qabeenya uumamaa jiru ofumaa fayyadamee kan darbu otoo hin taane waa’ee jireenya dhaloota egeree yaada, dhaloota ijaaruu immoo Sirna Gadaatu nu barsiise.

Dhaloonni ammaa eenyummaa isaa kaleessaatti deebi’uu fi fagootti dhalootaaf yaaduun biqiltuu dhaabee kunuunsee boru lammiif galaa kaa’uu qaba.

 

 

 

 

 

Kana irraa ka’uun kallattii muummichi ministeeraa Dr.Abiyi Ahimad kaa’an bu’uureeffachuun akka naannoo Oromiyaatti qophiin ga’aan taasifamee jira. Hojiin hanga ammaatti hirmaannaa ummata keenyaan hojjetame cimee itti fufuu qaba.

Mootummaan naannoo Oromiyaa hojicha daran milkeessuudhaaf guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miliyoona 250 akka naannoo keenyaatti dhaabuuf qophii xumureera. Bifuma walfakkaatuun bool’oowwan biqiltuun keessa dhaabbatan lakkoofsa biqiltuun wal gitu qophaa’anii guyyaa eeggachaa jiru.

Ummanni keenya biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuu muuxannoo guddaa qaba. kanaaf muuxannoo jaarraa hedduuf waliin jiraate kanneen haaromsachuun dachee ofii irraa jiraatu yeroo gabaabaa keessatti xiiqiidhaan biqiltuun uwwisee magariisaa akka taasisu mootummaan naannoo Oromiyaa abdii qaba.

Kanaaf guyyaan kun guyyaa xiiqiiti, guyyaa tokkummaan keenya caalatti itti calaqqisu, guyyaa Oromummaa fi sirni gadaa gaaddisa biyyaa tahuun itti mul’atu, guyyaa duudhaan sirna gadaa xiqqaan guddaa kabajuu, guddaan xiqqaa barsiisuun itti mul’atu, guyyaa ergaa hoggansa keenyaa onnee guutuun hojiitti gallee qabatamaan itti mul’isnudha, guyyaa seenaa hoojjennee dhalootaaf seenaa keenyudha.

Hirmaannaan guyyaa sanii xiqqaa guddaa, dhiiraa dhalaa hin filatu dhala xiiqiif jijjiiramaa hundaatu hirmaata, Hawaasni keenya marti egeree kanarratti dammaqinaan hirmaachuudhaan akkuma kaleessaa adda durummaa isaa mirkaneeffachuu qaba.

Guyyaan milkii jijjiirama wareegamaan dhufee milkiin xumurama, xiiqiin jijjiiramaa gochaan mul’ata, magariisummaa aadaaf qabna, Oromiyaan nagaa fi qabbana, gadaan gadaa jijjiiramaati, gadaa tokkummaa calaqqee sirna gadaati, hardhaan hegeree ijaarra waliin taanee jijjiirama ceesifnaan dhaamsa Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa
Naannoo Oromiyaa
Adoolessa 18,2011
Finfinnee

Facebook Comments