Abbootii qabeenyaa paarkii indaastirii Jimmaatti bobba’uuf socho’aa jiran waliin mari’atame

Obbo Shimallis Abdiisaan abbootii qabeenyaa paarkii indaastirii Jimmaatti bobba’uuf socho’aa jiran waliin mari’atan.

preezdaantin Itti Aanaa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan kaleessa magaalaa Finfinneetti abbootii qabeenyaa paarkichatti bobba’uu fedhii qaban waliin mari’ataniiru.

Akka gabaasa FBCtti maricharrattis bulchaan godina Jimmaa obbo Abdulhaakiim Muluu, kantiibaan bulchiinsa magaalaa Jimmaa obbo Makkiyyuu Mahaammad argamaniiru.

Paarkiin Indaastirii Jimmaa Doolaara Ameerikaa miiliyoona 61n lafa kaaree meetira miiliyoona 1.5 irratti ijaarrame, Sadaasa 29, 2011 ebbifamuun isaa ni yaadatama.

Yeroo ammaas hojiin abbootii qabeenyaa hojiitti galchuu hojjetamaa jira.

Paarkichi oomisha huccuu fi qindeessa qonnaa hojjeta.

Facebook Comments