Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Ayyaanni Irreechaa milkaa’uu ibse

OBN Ful. 28, 2012 – Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Ayyaanni Irreechaa baranaa kan yaadamee olitti milkaa’eera jedhe.

Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinneefi Hora Harsadii kan yaadamee olitti baay’ina hirmaattotaanis ta’ee gama nageenyaatinis kan yaadamee olitti milkaa’uu Hogganaan Itti Aanaa Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Obbo Kabbadaaa Deesissaa ibsa OBNf addatti kennaniin himaniiru.

Maalummaan ayyaanichaafi miidhaginni ayyaanichaa kan durii caalaa bara kana addunyaatti ifatti mul’ateera.

Ayyaanichi karaa seera qabeessaa ta’een ifatti bahee kan kabajame yoo ta’u, ayyaanni irreeffannaa baranaa kan durii irraa wanti adda godhu Irreechi Hora Finfinnee waggaa 150 booda karaa Duudhaafi Aadaa Oromummaa ganamaan kabajamuudhas jedhaniiru.

Ayyaana Irreechaa Hora Finfinneetti kabajame irratti tilmaamaan namoonni miiliyoona 8 ol irratti argamee kan kabajameedha. Hunda caalaa ayyaanichaaf wanti miidhagina kenne sabaafi sabalamoonni hedduun argamuu, walhubannaan mul’achuu, meeshalee faayaa Oromoon miidhaganii argamuun kan duraa caalaa achi keessatti calaqqiseera jedhan obbo Kabbadaa Deesissaa.

Ayyaanichi akka haala kanaan kabajamuuf tasgabbiin ummanni keenya agarsiise fulduratti kan nama jajjabeessuufi humna kan namaa ta’uudhaas jedhaniiru.

Ayyaanni Hora Biishooftuus akkuma Hora Finfinnee karaa nagaa qabeessa ta’een kabajameera.

Baay’inni hirmaattotaa Hora Biishooftuus akka hin hir’anne Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa hayyootaafi Abbootii Gadaa waliin mari’achuun namni Ayyaana Hora Finfinnee irratti hirmaate kallattimaan Hora Harsadii akka dhaquuf walduraa duubaan Har’aa Boruu mijeessine jedhaniiru. Kanaaf Biishooftunis osoo miidhaginaafi duudhaa isaa hin gadhiisin inumaa kan durii caalaa baay’inni hirmaattootaa kan dabaleedhas jedhaniiru obbo Kabbadaan.

Sabaafi sabalammoonni karaa qindaa’aa ta’een ayyaanicha irratti argamanis Ummata Sidaamaa, Kanbaataa, Walaayittaa, Haadiyyaa, Alaabaa, Silxee, Burjii, Anyawaak, Niweer, Affaar, Somaalee, Tigiraay, Qabeennaa, Amaaraa, Guraageefi kan biroo aadaa isaaniin daabalamanii ayyaannicha irratti argamanii jiru. Sabaafi sabalammoonni biyya kanaa ayyaana kana garaa garrummaa amantaafi ilaalcha siyaasaa malee karaa nagaafi hawwataa ta’een waliin kabajanii jiru.

Akka Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaatti karoorri keenya kan yaadamee olitti galma gaheeras jenneeti yaadna jedhaniiru.

Karoorri keenya ayyaanni kun miidhaginni isaa dabaluu akka qabu, tokkummaan Oromoo akka irratti ijaaramu, ayyaanni kun kan Oromoo qofa osoo hintaane kan biyya kanaa bira darbee kan gurraachota Afriikaa akka ta’u jedhaniiru.

Ayyaanni kun ayyaana guddaa Oromoon ittiin addunyaarratti bahu ta’uu qabas jennee kan karoorsine. Inni kun immoo nuuf milkaa’eera. Irreechi madda nageenyaas ta’uu hubanneerra, isa kana immoo irreechi nageenya akka ta’e addunyaatti mul’isnee jirra.

Miidiyaaleen addunyaas hedduutu argamanii dhimmicha hawaasa idil addunyaaf “Irreechi wanti jedhamu waan miidhagaa wayii ummata biyya Itiyoophiyaa keessaa guddaa kan ta’e ummata Oromoon duudhaafi safuu sabichaa eeggatee kabajamaa jira.” jechuun gabaasaa turan.

Dabalataanis ayyaanicha irratti lammiileen biyyoota adda addaa irratti argamaniiru.

Ayyaanni kun akka ayyaana hundaa ta’u ummaanni Oromoo agarsiisee jiras jedhaniiru.

Ayyaanichi qaama siyaasaa kamiraayyuu bilisa ta’ee ayyaana ummataa ta’ee kan kabajame ta’uus himaniiru.

Dhummarrattis ayyaannichi galma akka gahuuf qaamolee ifaajaa turan maqaa Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaan galateeffatanii jiru Obbo Kabbadaan. Gammachiis Zawduutu gabaase.

 

 

 

Facebook Comments