Gumii Eldallootti Pirojektiin bishaan dhugaattii Birrii miiliyoona 4 oliin hojjatamaa jira.

Gumii Eldallootti Pirojektiin bishaan dhugaattii Birrii miiliyoona 4 oliin hojjatamaa jira.

 

 

 

 

OBN Amajjii 18, 2012-Godina Gujii Aanaa Horsiisee Bulaa Gumii Eldallootti Pirojektiin bishaan dhugaattii Birrii miiliyoona 4 oliin hojjatamaa jira.

Aanaa Gumii Eldallootti rakkoo gama hanqina tajaajila bishaan dhugaatiin horsiisee bultoota Aanichaa  qaban furuuf deggersa dhaabbata miti mootummaa IGAD jedhamuun  Birrii miil.4’n bishaanii boolla gadi fagoo tokko hojjatamaa jiraachuu Bakka Bu’aan Waajjiraa Misoomaa fi Qabeenya Bishaanii AanichaaObbo Abbuu Waaqoo himan.

Rakkoo bishaan dhugaatii aanichaa furuuf  haroon bishaanii 4 bajata mootummaa fi Miti Mootummaa Birrii Miil.5’nin hojjechuuf karoorfameeras jedhan..Jiksaa Takileetu Gabaase.

Facebook Comments