Sirni Gadaa barnoota idilee keessatti kennamuufi

Sirna Gadaa barnoota idilee keessatti kennuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa beeksise.
Akkaataa Sirna Gadaa barnoota idilee keessatti kennuun danda’amurratti koreen hayyoota yuunvaarsiitii adda addaarraa, Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaafi Biiroo Barnoota Oromiyaarra walitti babahan hundaa’ee hojjechaa jiraachuu Hoogganaan Biiroo Aadaaf Tuurizimii Oromiyaa oobbo Kabbadaa Deessisaa OBNtti himaniiru.
Koreen hundaa’e kunis hundagaleessa jedhaniiru.
Sirni Gadaa duraan barnoota garaagaraa keessatti bifa facaatiin kennamaa turuu yaadachisanii obbo Kabbadaan, amma garuu bifa addaan sana caalaa fooyya’ee qindaa’ee dhiyaachuu qaban irratti waliigalamee hojiin isaa eegaleera jedhan.
Sadarkaan ittiin kennamuufi haala barnoota idilee keessatti ittiin kennamu irratti qorannoon bal’aan hayyootaa adda addaan godhamee mariinis irratti taasifamee hojiin isaa kallattii qabateeras jedhan.
Sirni Gadaa barnoota idilee keessatti yoomi kennamuu eegala?, haala kamiin kennamaafi Sadarkaa kamitti kennama? jedhee gaaffii OBNrraa dhiyaateef obbo Kabbadaan akka deebisanitti; yoomi kennama, akkamitti kennamaafi sadarkaa kamitti kennama kan jedhu fuulduraatti yemmuu yeroon isaa gahu kan ifoomsinu ta’as jedhaniiru.
Kaarkulamiin tokko gaafa qophaa’u sadarkaa adda addaatti murtee adda addaa barbaada waan ta’eef hojii kana galmaan gahuufis qaamota dhimmichi ilaallatu Biiroo Barnoota Oromiyaa waliin hojii keessaa galamee hojjetamaa jiraachuus himaniiru.
Kaarkulamii haaraa qopheessuun, seelabsii qophessuun, kitaabilee qopheessuufi barsiisota leenjisuunis hojii yeroo fudhatu waan ta’eef, hamma danda’ameetti hojiinisaa kun yeroo gabaabaa keessaatti akka xumuramu ni hojjetamas jedhaniiru Hooggantichi.
Sini Gadaa bu’ura diimokiraasii ammayyaa ta’uu bira darbee duudhaleen isaa diimokiraasii ammayyaati oli ta’uus himaniiru oobbo Kabbadaan.
Akka fakkeenyattis kan kaasan diimokiraasii keessatti murtee tokko dabarsuuf sagalee %100 keessaa sagaleen %51 yoo deeggare ni murtaa’a. Sirna Gadaa keessaatti garuu murteen tokko murtaa’uuf qaamni hunduu mormii tokko malee irratti waliigaluu qabas jedhaniiru.
Sirnichi addunyaarraa dorgomaa kan hin qabne ta’uus himaniiru.
Sini Gadaa jiruufi jireenya Oromoo akka waliigalaatti kan of keessaatti haammatee qabuudha jedhan.
Kanaafuu ijoolleen sadarkaa daa’imumaarraa kaassanii duudhaa Sirna Gadaa beekanii akka guddatan gochuun Oromummaa isaanii beekanii akka guddatan gochuudha jedhan.
Barbaachisummaan Sirna Gadaa yeroo ammaa barnoota idilee keessa galchanii barsiisuus qaawwaa dhaloota haaraa biratti eenyummaan walqabatee mudate duuchuun dhaloota bararuuf yaadameeti jedhan.
Dhimmoonni Oromoon Aadaa, Afaan, kabaja ayyaana Irreechaa, Oromummaatti dabalatee garaagarummaa tokko malee waliin qabu keessaa inni tokko Sirna Gadaatis jedhaniiru. Kanaaf Sirna Gadaa cimsuun tokkummaa Oromoo cimsuudhas jedhan.
Dhumarrattis oobbo Kabbadaan dhaamsa dhaloota haaraaf dabarsaniin akka jedhanitti, dhaloonni haaraan waa’ee Sirna Gadaa sirriitti gaafachuun achi keessaa maali maaltu jira jedhanii hubatanii duudhalee Sirna Gadaa osoo hin cabsin beekuu qabuus dhaamaniiru.
Gammachiis Zawduutu gabaase
Facebook Comments